Hose'aa Raagichaa 5
TWF1 «Isin hayyoota, tana dhage’a’a! Isin Israa’eloota hubadha’a! Ee, maatii moototaa caqasa’a! Muraan tun isin irratti muranti; isin Miispha’atti tiyyoo, gaara Taaborii irralle’etti caccoo afante teetaneertan. 2 Worri finqilaan ijjeecha’atti jabaataneeran. Ani isaan mara hin adaba. 3 Ani marroo Efreemotaa hin beeka; Israa’el na duraa dhokattee hin jirtu. Efreem, ati amma gara sagaagalaa deebiteerta; Israa’el battootteerti. 4 «Hujiin isaanii gara Waaqaa akka deebi’anu isaan hin gootu. Sagaagalummaan yaada isaanii keessa jirti; isaan Mootii Waan Maraa hin beekanu. 5 Koorri Israa’elii isaanuma irratti dhugaa baya; Israa’elii fi Efreem cubbuu ifiitiin gufatan; Yihudaalle isaanuma woliin gufata. 6 Isaan hoole’ee fi re’ee, loon ifiille fudhatanee Mootii Waan Maraa hin barbaadan; garuu inni isaan irraa waan adda bayeef, isaan isa hin dhagganu. 7 Isaan Mootii Waan Maraatiif waan hin addataminiif, ijoollee ormaaf uumaneeran; tanaaf amma jilti baatii ji’aa ta isaanii, isaanii fi fichaa isaanii hin balleessiti. 8 «Giibe’aa keessatti tultullaa, Raamaa keessatti suusullee afuufa’a. Bet-Aween keessatti iyya lolaa kaasa’a. ‹Ee, kolbaa Beniyaaminii, isinitti dhufane› jedha’a 9 Guyyaa adabbi’ii Efreem duwwaa hin teeti; ani gosa Israa’elii oddu’utti dhugumaan waan te’uuf jiru lassiisatti jira. 10 «Sooreyyiin Yihuda’aa akka worra meessaa dhiibuu te’aneeran; ani mufii tiyya akka lolaa bisaanii isaan irratti hin dhangalaasa. 11 Efreem waaqota dharaa hordofiisa yaada waan qabuuf, cunqurfamee, muraan isatti dhutte. 12 Ani Efreemiif akka qu’e’ee , kolbaa Yihuda’aatiif akka shanto’oo hin te’a. 13 «Efreem dhibee ifii, Yihudaan madaa ifii yennaa dhagge, achiin duuba Efreem gara biyya Asoorii deebi’ee, qarqaarsa dhaggatiisaaf mootii guddichatti ergate; inni ammoo dhibee isaanii fayyisuu, madaa isaaniille irraa balleessuu hin dandeenne. 14 Ani Efreemitti akka neenqaa, Yihudaalle’etti akka neenqa dardaraa hin te’a. Ani tatarsaasee kukkutee isaan biraa hin deema; fuudheelle hin deema; ka isaan baasu hin jiru. 15 «Haga isaan yakkaa ifii beekanutti, ani gara addee tiyyaa hin deebi’a. Isaanille fuula kiyya hin barbaadan; isaan rakkinna ifii keessa akka malee na hin barbaadan» jedhe.
