Menu

Isaayaasii Raagichaa 12

TWF

1 Guyyaa san ati, «Ee, Mootii Waan Maraa, ati natti mufatteertaayyu; amma mufii teeti na irraa deebittee, waan na jajjabeessiteef si leellifadha! 2 Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya; ani isatti hin addadha; womaalle hin sodaadhu. Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya; inni fayyisaa kiyya naaf te’eera. 3 Isin gammadaan madda fayyinnaa keessaa bisaan hin woraabbattan» hin jetta. 4 Yennaa san isin, «Mootii Waan Maraa galateeffadha’a; maqaa isaalle waammadha’a! Gosa biyya adda addaa keessatti hujii isaa beessisa’a; guddinna maqaa isaalle lallaba’a. 5 Inni waan guddoo waan godheef faaru’uun isa leellisa’a; waan inni godhelle biyya lafaa mara irratti beessisa’a. 6 Ee kolbaa Xiyoonii, Waaqi guddaan woyyichi Israa’elii, odduu teessan waan jiruuf, ilillisaa gammadaan faarsa’a» hin jettan.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate