Menu

Isaayaasii Raagichaa 46

TWF

1 Waaqoti dharaa ka worra Baabilonii, Beelii fi Neboon hin salphatan; waaqoti dharaa ka isaanii sun geejjibatti fe’amaneeran; fakkiin isaan ba’atanee ideemanu sun ba’a’a; geejjiba itti fe’amane sanille hin dadhassiisan. 2 Isaan geejjiba san woliin hin gugguufan; ifi fayyisuu hin dande’anu; isaan hin booji’aman. 3 Mootiin Waan Maraa, «Ee sanyii Yaaqoobii, isin sanyii Israa’elii keessaa worri hattane na dhage’a’a! Gadaamessa haadha teessanii keessatti natti isin eege; dhaloota keessaniin jalqabee ka isin ba’ate ana. 4 Haga isin dulloontanee arrii baatanutti ka isin ba’atu ana; ani isin dadeera; isin hin ba’adha; isin hin qarqaara; isin hin fayyisa. 5 «Eennuun na fakkeessitan? Eennu woliin na wol qixxeessitan? Yookiin akka wol fakkaannuuf, eennu woliin na wol fakkeessitan? 6 Worri gariin worqii subba ifii keessaa baafatan; meetiille madaala irratti madaalan. Isaan nama worqii baqisiisu qaxaratanee, inni waaqa isaaniif huja; achiin duuba isaan waaqa san sagadanee waaqonfatan. 7 Isaan waaqa san ol fuudhanee, gurmuu ifii irratti ba’atanee, geessanee addee isaaf qophootte hin keyan. Inni achuma dhaabbata malee, addee san irraa hin tacho’u; yoo nami isatti iyyate, inni deebii hin kennu; yookiin rakkoo keessaa nama hin baasu. 8 «Isin finqiltooti tana qaabadha’a! Qalbii teessanille’etti qabadha’a. 9 Waan dur bara dheera’aan dura te’e qaabadha’a; ani Waaqa; ana malee Waaqi dhibiin hin jiru; ka akka kiyyaalle hin jiru. 10 Ani waan muummee irratti dhufu’uu jiru jalqaba irratti himeera; waan gara duraa te’uu jirulle duruu himeera; karoorri kiyya hin te’a; waan godhiisaaf barbaade hin godha. 11 Ani nama karoora kiyya muummessu karaa aduun baatuu irraa hin waama; inni akka risa’aa biyya fago’oo irraa hin dhufa. Ani waan dubbadhe hin godha; karoora kiyyalle hin muummessa. 12 «Isin worri gadhaa jabaattane, ka balchummaa irraa fagaattane na caqasa’a. 13 Ani balchummaa tiyya fidiisatti jira; isiille fagoo hin jirtu; fayyisiis kiyya hin turu; ani Xiyooniif fayyinna, Israa’eliif ulfinna hin kenna.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate