Menu

Kitaaba Iyoobii 25

TWF

1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu’aa deebisee, 2 «Mootumma’aa fi sodaatamuun ta Waaqaa ti; inni ol-gubbaa oliititti nageya hin buusa. 3 Laakkowamuu dandeettii ree? Ifi isaa eennu irratti ifuu dhaba ree? 4 Nami attam Waaqa duratti balchaa te’uu dande’a ree? Nami nama te’ee dhalate attam qulqulluu te’uu dande’a ree? 5 Kunoo, ji’inuu isa duratti akka dansaa hin ifu; urjootille isa duratti qulqullu’uu moti. 6 Ilmi namaa ka akka raammo’oo fa’a, attam attam caalaa diqqaata ree!» jedhe.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate