Yoonaasii Raagichaa 2
TWF1 Yoonaas gadhaa qurxummi’ii keessaa Goottaa Waaqa ifii daadimatee, 2 «Rakkoo tiyya hantuu keessatti Mootii Waan Maraa kiyya ani si waammadhe, atille naa deebitte. Qilee awwaalaa jalaa ani sitti iyyadhe, atille naa dhageette. 3 Ati gara gadhaa abbaaya’aa, qilee keessatti, addee bisaan na marsetti na gatte; hunni guddoon danbalii teetiille na gubbaa yaate. 4 Yoos, ‹Ani fuula keeti duraa gatameera; deebi’ee Galma woyyicha keetii hin dhaggaa laati?› jedhee yaadadhe. 5 Bisaan na irra yaa’ee na lixxisiiseera; Abbaayaan ijjuma na buxxeerti; marri bisaan keessaalle mataa kiyyatti marame. 6 Ani gaarota jalatti, lafa balbalti haga bara baraa natti cufantetti gad bu’e. Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya ati ammoo, jiru’uun qilee keessaa na baatte. 7 Yennaa jiruun tiyya na dadhaddetti, Mootii Waan Maraa kiyya, ani gara keeti daadimadhe; Galma woyyicha keeti keessalle’ee daadimata kiyya naa dhageette. 8 Worri waaqota dharaa waaqonsu badhaadha dhaggatiisaaf malane hin dhaban. 9 Ani ammoo faaruu leellisaatiin; ciincaa si’iif hin dhikeessa. Waan waadaa si’iif galelle hin godha. Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe. 10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka qurxummiin Yoonaas tuttuuf ajaje; qurxummiille lafa bisaan hin jirre irratti isa tutte.
