Menu

Kitaaba Fakkeennaa 4

TWF

1 Ilmaan tiyya, gorsa abbaa keessanii caqasa’a; itti xiyyeeffadha’aatii, hubantii dhaggadha’a. 2 Ani barsiisa kiyya dansaa isiniif kenna; maarre isin barsiisa kiyya hin lakkisina’a. 3 Yennaa ani mana abbaa kiyyaatitti mucaa diqqa’aa, haadha tiyyaaf ilma tokkochaa san, 4 abbaan kiyya na barsiisee, «Jecha kiyya mara gadhaa tokkochaan qabadhu; hin leetaa, ajaja kiyya eegadhu. 5 Qarummaa dhaggadhu; hubantii qabaadhu; jecha kiyya hin dedhin yookiin irraa hin deebi’in. 6 Qarummaan gollaa sii teetii, isii hin dedhin; si eeddiitii, isii jaaladhu. 7 Qarummaan waan mara caalti; tanaaf isii dhaggadhu. Waan ati qaddu mara si kaffalchiittulle, hubantii bitadhu. 8 Ulfinna isi’iif kenni; isiille ol si qaddi; isii hanqafadhu; isiille ulfinna si’iif hin kenniti. 9 Isiin daraaraa seesaaf wolitti hidhame, mataa keeti irra hin keetti; kallacha dansaa si’iif hin kenniti» jedhe. 10 Ilma kiyya caqasi; barri le’ii teetii akka heddatu, jecha kiyya fudhadhu. 11 Ani karaa qarumma’aa si barsiiseera; daandii qajeelaa irra si sooresseera. 12 Yennaa ideentu karaan sitti hin dhiphatu; yennaa rukkittulle hin gufattu. 13 Gorsa sii kenname jabeessii qabadhu; gad hin lakkisin; jiruu teeti waan te’eef, midhassii eegadhu. 14 Daandii worra hama’aa hin hordofin yookiin karaa worra hantuu hujuu irra hin deemin. 15 Karaa san irraa fagaadhu; irraa deebi’iitii, karaa keeti deemi. 16 Isaan haga waan hantuu godhanutti dande’anee hin rafanu; haga nama dokonkorsanutti foora hin qabanu. 17 Isaan sagalee hammeennaa nyaatan; daadhii woyni’ii ta hunnaan nama irratti ka’iisaa unan. 18 Daandiin balchoole’ee akka ifa barii ganamaa, ka haga orra’aatitti ifaatuma ideemuu ti. 19 Daandiin worra hama’aa ammoo akka dukkana dimmaa ti; isaan waan isaan gufachiisu hin beekanu. 20 Ilma kiyya waan ani jedhutti xiyyeeffadhu; jecha kiyya midhassii caqasi. 21 Isaan ila teeti duraa hin gorin; gadhaa keeti keessatti qabadhu. 22 Isaan worra isaan dhaggatuuf jiru’u; nafa isaanii maraaf fayyinna. 23 Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef, waan mara caalaa qalbii teeti eegadhu. 24 Dubbii micciiriisa afaan keeti irraa fageessi; dubbii malaamaltumma’aa irraa hidhii teeti eegadhu. 25 Ilti teeti gara fuula duraa qajeelaa ilaaltuu ti; ifiin dura qofa ilaali. 26 Daandii miilli keeti irra deemu, wol qixxeeffadhu. Karaan keeti dansaa te’uu ti. 27 Gara middaa yookiin gara bita’aa hin gorin; miila keeti waan hantuu irraa eegadhu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate