Menu

Kitaaba Faaru'uu 1

TWF

1 Nami gorsa hamaaleyyi’iitiin hin ideenne, ka karaa cubbaaleyyi’ii hin hordonne, ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne, ka gammade. 2 Nami akkasii ammoo seera Mootii Waan Maraatiin gammada; halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata. 3 Inni akka muka laga qarqaratti dhaabamee, yennaa yenna’aan midhaan buusuu, ka baalli isaa hin qoorree ti. Wonni inni huju marti isaaf hin teeti. 4 Hamaaleyyiin ammoo akkasii moti; isaan akka hicaacee qilleensi haxowee deemuu ti. 5 Tanaaf, hamaaleyyiin muraa jalaa hin bayanu; cubbaalleyyiille yaa’ii balchootaa keessatti hin dhaggamanu. 6 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa karaa balchootaa hin beeka; karaan hamaaleyyi’ii ammoo hin bada.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate