Kitaaba Faaru'uu 146
TWF1 Mootii Waan Maraa leellisa’a! Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi! 2 Ani bara le’ii tiyyaa mara Mootii Waan Maraa leellisa; haga jiru mara Waaqa kiyyaaf faaruu leellisaa hin faarfadha. 3 Worra isin baasuu hin dandeenne, qondaaltota ilmaan namaa itti hin addatina’a! 4 Isaan yennaa du’anu, gara biyye’ee deebi’an; guyyuma san karoorri isaanii hin bada. 5 Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te’e, ka Mootii Waan Maraa Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti. 6 Mootiin Waan Maraa ol-gubba’aa fi lafa, abbaaya’aa fi waan isaan keessa jiru mara dade; inni haga bara baraa addatamummaa ifii hin eegata. 7 Inni worra cunqurfameef haqaan mura; worra beeloteef sagalee kenna. Mootiin Waan Maraa worra hidhame bilisa baasee, 8 worra ballaa ila bana. Worra gad jedhe ol qaba; worra balchaa jaalata. 9 Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega; inni ijoollee abba’aa fi haadha hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara; karaa worra hama’aa ammoo hin balleessa. 10 Ee Xiyoon, Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa, dhalootaa haga dhalootaatitti, haga bara baraa hin bulcha. Mootii Waan Maraa leellisa’a.
