Kitaaba Faaru'uu 16
TWF1 Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf, ati na eegi. 2 Ani Mootii Waan Maraatiin, «Ati Goottaa kiyya; si’iin malee ani waan dansaa hin qabu» jedhe. 3 Worri isaaf woyyoomee lafa irra le’u, ka ulfaate; ani isaanitti gammada. 4 Worra waaqota dhibii waaqonfatu gadda gudda’atti isaan dhaqqaba. Ani waaqota dharaatiif ciincaa dhiigaa hin dhikeessu; afaan kiyyalle’een maqaa isaanii hin dhowu. 5 Ee Mootii Waan Maraa, qoodi lafa tiyyaatii fi hireen tiyya si’i. Qoodi lafa tiyyaa harka keeti keessa jira. 6 Wodaroon tiyya ta meessaa ittiin mikanu addee dansaa irra naaf buute; dhugumaan ani lafa dansaa qaba. 7 Ani Mootii Waan Maraa ka gorsa naaf kennu hin leellifadha. Halkan keessalle wodanaan kiyya ifi na eeggachiisa. 8 Mootiin Waan Maraa fuula kiyya dura akka naaf jiru, ani yennaa mara hin beeka. Inni midda kiyya waan jiruuf, ani hin raafamu. 9 Tanaaf, gadhaan kiyya hin gammada; arrabi kiyya hin ilillisa; nafi kiyyalle sodaa malee hin foorfata. 10 Ati addee worri du’e jirutti waan na hin lakkinneef, ati woyyicha keeti akka shamu hin gootu. 11 Ati daandii jiru’uu natti hin mudhitta; gammadi guutuun fuula keeti dura, wonni haga bara baraa nama gammachiisu harka keeti middicha keessa jira.
