Kitaaba Faaru'uu 26
TWF1 Ani komii tokko malee, sitti addadhee raafama malee waan le’eef, Ee Mootii Waan Maraa, naaf muri. 2 Ee Mootii Waan Maraa, na qorqori, hagalle na ilaali; gadhaa kiyyaa fi qalbii tiyya qorqori. 3 Jaalalli keeti ka bara baraa ila tiyya dura jira; anille dhugaa teetiin hin ideema. 4 Ani sobaaleyyii woliin hin tee’u; worra kijiboolee jaala hin godhadhu. 5 Ani yaa’ii worra hantuu hujuu hin jibba; hamaaleyyii wolille’een hin tee’u. 6 Yakkaa akka hin qanne mudhisiisaaf, harka dhiqadha; Ee Mootii Waan Maraa, addee ciinca’aa teeti cinaa mara. 7 Faaruu galataa guddisee faarfataa, hujii maade’ee teeti hin odeessa. 8 Ee Mootii Waan Maraa, mana keeti addee ati leetu, addee ulfinni keeti jiru, ani hin jaaladha. 9 Lubbuu tiyya cubbaaleyyii woliin, jiruu tiyya worra dhiiga namaa dhangalaasu woliin hin balleessin. 10 Harka worra akkasii keessa karoora hama’atti jira; harka isaanii middicha keessa safu’utti guuteera. 11 Ani ammoo komii malee le’a; na wodi; na mararfadhu. 12 Miilli kiyya lafa wol qixxee irra dhaabbateera; gumii guddoo keessatti ani Mootii Waan Maraa leellisa.
