Kitaaba Faaru'uu 45
TWF1 Dubbiin dansaan gadhaa kiyya guuttee dhangalaati; wolaloo tiyya mootichaaf hin dhageessisa; arrabi kiyya akka feenii nama woy barreessiisaan beekkamee ti. 2 Ati ilmaan namaa mara caalaa miidhaga’a; dubbiin teeti arnya qaddi; tanaaf Waaqi haga bara baraa si eebbiseera. 3 Ee mooticha janna, ka ulfinnaa fi arnya qaddu, shallaagaa keeti hidhadhu. 4 Marroo dhuga’aa, marroo gadhi-laafumma’aa fi balchumma’aatiif, arnya keetiin injifatiisaaf ka’i; harki keeti middichi injifachaa gugurdoo dhaggisiisuu ti. 5 Daayi keetii ka qarame, gadhaa diina keetii hin woraana; gosi biyya adda addaa miila keeti jalatti hin jigan. 6 Ee Waaqa barcumaan mootumma’aa keeti, ka bara baraa ti; uleen bokku’uu teetille ulee bokku’uu ta haqaa ti. 7 Ati balchummaa jaalattee, hammeenna jibbite; tanaaf Waaqi, Waaqi keeti zayitii gammadaa si muudee, hari’aa teeti akka caaltu si godhe. 8 Woyaan fiqiree qumbii, hargiisaa fi dakkara irraa hujanteen fiqqitti. Mana mootumma’aa ka ilka arbaatiin seefame keessaa qoonqoon kiraara guddichaatii fi maseenqo’oo si gammachiitti. 9 Dubartoota mana mootumma’aa keessa jiranu odduu, ijoolleen durraa ta moototaa jiran; giittittiin worqii biyya Ofiirii naqattelle gara harka keeti middaatiin dhaabbatti. 10 Ee intala dhage’i! Waan ani jedhu caqasi; kolbaa teetii fi mana abbaa keetii dedhi. 11 Mootichi miidhaginna keetiif si halcha; inni goottaa keeti waan te’eef, isa ulfeessi. 12 Kolbaan Xiiroosii kennansa sii fidan; worri dureeyyiin si’itti dhikaatiisaaf barbaadan. 13 Intalti mootichi fuudhaaru woyaa worqi’iin kuulante uffattee, kolloo ifii keessa jirti. 14 Woyaa kuula hedduu qaddu san uffattee, gara mootichaa geeffanti; durri bookarsitooti isi’ii isii gula gara mootichaa hin dhaqan. 15 Isaan ililleetti’ii fi gammadaan isii gula mana mootichaa hin seenan. 16 Ilmaan teeti addee abbootii teetii hin bu’an; ati lafa duudii akka bulchanu hin goota. 17 Ani dhaloota mara keessatti gurra keeti hin mudhisa; tanaaf gosi biyya adda addaa bara baraa haga bara baraa si leellitti.
