Kitaaba Faaru'uu 47
TWF1 Gosi biyya adda addaa marti, harka keessan dhowa’a; qoonqoo ol qabadha’aatii, Waaqaaf ilillisa’a. 2 Mootiin Waan Maraa Ol Aanaan ka sodaatame; inni lafa duudii irratti mootii gudda’a. 3 Inni kolbaa hedduu nu’uun jala godhe; gosa biyya adda addaa miila keenna jala galche. 4 Sanyii Yaaqoobii ta inni jaalatuuf koora ta teete, lafa nuuti dhaallu inni nu’uuf file; 5 Mootiin Waan Maraa Waaqi ililleetti’ii fi qoonqoo tultulla’aatiin ol bayeera. 6 Waaqa faaru’uun leellisa’a; leellisa’a; Mootii keenna faaru’uun leellisa’a; leellisa’a. 7 Waaqi mootii lafa duudi’ii waan te’eef, faaru’uun isa leellisa’a. 8 Waaqi gosa biyya adda addaa irratti mooti’i; Waaqi barcumaa mootumma’aa ka ifii woyyicha irra tee’eera. 9 Qondaaltoti gosa biyya adda addaa kolbaa Waaqa Abrahaamii woliin wolitti qabamaneeran; loltooti lafaa marti ka Waaqaa waan te’aneef, inni guddoo saadameera.
