Menu

Kitaaba Faaru'uu 54

TWF

1 Ee Waaqa, maqaa keetiin na baasi; hunna teetiin dhugaa naaf muri. 2 Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage’i; dubbii afaan kiyyaa caqasi. 3 Namooti alagaan natti ka’an; worri nama sodaachisu, na ijjeesiisaaf barbaadan; isaan marroo Waaqaa hin yaadanu. 4 Dhugumaan Waaqi qarqaarsa kiyya; Goottaan irkuu jiruu tiyyaa ti. 5 Wonni hantuun worra ila diinumma’aatiin na ilaalutti deebituu ti; ati addatamummaa teetiin isaan fixi. 6 Ani fedhuma tiyyaan ciincaa sii dhikeessa; Ee Mootii Waan Maraa, maqaan keeti dansaa waan te’eef, ani isa hin leellisa. 7 Ati rakkinna mara keessaa waan na baatteef, injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggeera.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate