Kitaaba Faaru'uu 56
TWF1 Kolbaan waan na ariituuf, Ee Waaqa, naaf marari; diinoti kiyya guyyaa mara na miidhan. 2 Diinoti kiyya guyyaa guutuu na ari’an; worri kooru ka na lolu baca’a. 3 Ani yennaa sodaadhu, si’itti addadha. 4 Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha; ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu; nami foonii maan na godhuu dande’a? 5 Guyyaa guutuu dubbii tiyya micciiran; isaan yennaa mara na miidhiisaaf, mala natti dhowan. 6 Isaan wolitti qabamanee, riphan; jiruu tiyya balleessiisaaf, tarkaaffii tiyya eegan. 7 Isaan yakkaa hujanee hin miliqin. Ati aarii teetiin gosa biyya adda addaa san salphisi. 8 Ati daaqiisa kiyya laakkotteerta; imimmaan tiyya qodaa keetitti kuucheerta; wonni kun dhugumaan kitaaba keessatti barreeffamaneeranii motii? 9 Yennaa ani gara keeti daadimadhu, diinoti kiyya gara duubaa hin deebi’an; Waaqi cinaa tiyya akka jiru saniin beeka. 10 Waaqa jecha isaa leellifadhuun, Mootii Waan Maraa jecha isaa leellifadhuun, 11 Waaqa itti addadhuun, ani hin sodaadhu; nami foonii maan na godhuu dande’a ree? 12 Ee Waaqa, waadaa sii galeeru muummessu’uu male; kennansa galataa sii dhikeessa. 13 Ati lubbuu tiyya du’a irraa, miila kiyyalle jigiisa irraa hamburteerta. Tanaaf, ee Waaqa, ani fuula keeti dura ifa jiru’uu keessa ideema.
