Menu

Kitaaba Faaru'uu 64

TWF

1 Ee Waaqa, rakkinna keessatti qoonqoo tiyya naaf dhage’i; sodaachisaa diinaa irraa na eegi. 2 Mala worra hama’aa duraa, waan hantuu hujiisaa worra wolitti qabamu duraa na dhossi. 3 Isaan arraba ifii akka shallaaga’aa qaratan; dubbii hadhoottuu akka daayaa darbatan. 4 Isaan dhokatanee nama yakkaa hin qannetti, sodaa malee dedhuma darbatan. 5 Isaan waan hantuu hujiisaaf woliin mari’atan; tiyyoo afiisaaf dhossa’aan mala dhowaa, «Eentu nu dhagga?» jedhaa yaadan. 6 Yaadi gadhaa namaatii fi qalbiin namaa gad fagoo waan teeteef, isaan waan hantuu mala dhowanee, «Nuuti mala dansaa dhoonneera» jedhan. 7 Waaqi ammoo daaya ifii gara isaanii hin darbata; isaan dedhuma hin madowan. 8 Waaqi dubbuma arraba isaaniitiin gara badi’ii isaan fida; worri isaan dhaggu marti murgo’oon mataa ifii itti hin raasan. 9 Nami marti hin sodaata; isaan hujii Waaqaa lallabaa, waan inni godhelle yaadanee hin hubatan. 10 Worri balchaan Mootii Waan Maraatiin gammaduu ti; isatti baqatuu ti; worri qajeelaan marti Mootii Waan Maraa leellisuu ti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate