Menu

Kitaaba Faaru'uu 67

TWF

1 Waaqi nu mararuu ti; nulle eebbisuu ti; fuula ifii akka nu irratti ifu godhuu ti. 2 Achiin duuba, karaan keeti lafa duudii irratti, fayyisiis keeti gosa biyya adda addaa mara oddu’utti hin beekkama. 3 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti; kolbaan marti si leellittuu ti. 4 Ati haqaan kolbaa maratti waan murtuuf, gosa biyya adda addaa waan sooressituuf, gosi biyya adda addaa gammadaan ilillittuu ti. 5 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti; kolbaan marti si leellittuu ti. 6 Latti midhaan baatteerti; Waaqi, Waaqayyoon keenna nu hin eebbisa. 7 Waaqi nu hin eebbisa; kolbaan lafa irraa marti isa hin sodaatti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate