Menu

Kitaaba Faaru'uu 70

TWF

1 Ee Waaqa na baasi; Mootii Waan Maraa kiyya na qarqaariisaaf ariifadhu. 2 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu, fokkifatee jaanjuruu ti; worri na miidhiisaaf halchu, salphatee gara duubaa deebi’uu ti. 3 Worri, «Baga, baga!» naan jedhu, fokkifatee gara duubaa deebi’uu ti. 4 Worri si barbaadu marti ammoo, si’iin gammadee firinxiixuu ti. Worri fayyisiisa keeti jaalatu marti, yennaa mara, «Waaqi gudda’a» jedhuu ti. 5 Ani rakkataa hiyyeessa; Ee Waaqa, ariifadhuu gara kiyya koy; Ee Mootii Waan Maraa kiyya ati qarqaara’aa fi fayyisaa kiyya na irraa hin turin.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate