Menu

Kitaaba Faaru'uu 75

TWF

1 Ee Waaqa, nuuti si galateeffanna; maqaan keeti dhikoo waan jiruuf, nuuti si galateeffanna; kolbaan hujii teeti ta maade’ee hin odeessiti. 2 Waaqa ati, «Ani yennaa muraa kennu murteesseera; ani yennaa sanitti muraa sirri’ii hin kenna. 3 Yennaa lafaa fi wonni isii irraa marti tachootu, utubaa isi’ii ka jabeessu ana. 4 Ani worra kooruun, ‹Haganaa achi hin koorina’a!› Worra hamoole’een, ‹Gaafa hin baasina’a! 5 Gaafa keessan gara ol-gubba’aa ol hin togina’a! Morma yaafattanee hin dubbatina’a!› jedhaan» jetta. 6 Ulfinni baya adu’uu irraa, yookiin seensa adu’uu irraa, yookiin goomolee keessaa hin dhufu. 7 Muraa ka kennu ammoo Waaqa; inni tokko gadi qabee, kaan ol hin qaba. 8 Mootiin Waan Maraa muduunuu daadhii woyni’ii ta mufi’ii hoomachoottuu harkaa qaba; inni gad isii cossa; worri hamaaleyyiin lafaa marti, cingifatanee unan. 9 Ani ammoo haga bara baraa tana hin lallaba; Waaqa Yaaqoobii faaru’uun hin leellisa. 10 Inni hunna worra hamoole’ee hin cassa; hunni worra balchoole’ee ammoo hin ede’anti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate