Kitaaba Faaru'uu 77
TWF1 Ani qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya; akka inni naaf dhage’u, qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya. 2 Yennaa rakkinnaa keessa Goottaa barbaadadhe; halkan guutuu harka kiyya diriirse; te’uu malee ani hin jajjabaanne. 3 Ee Waaqa, ani yennaa si qaabadhu hin aada; yennaa guddisee itti yaadu hin gaggaba. 4 Ati ila wolitti qabatiisa na dhooggite; haga dubbatiisa dadhabutti rakkadhe. 5 Ani marroo bara durii yaade; woggoota durii durii qaabadhe. 6 Halkan keessa faaruu tiyya ta durii qaabadhe; ani guddisee itti yaadee, yaada kiyya qorqoree, 7 «Goottaan haga bara baraa nu hin gataa? Inni ijjumaa deebi’ee nu’uuf hin nayuu? 8 Jaalalli isaa ka bara baraa, haga bara baraa dhumatee? Waadaan inni gale yoona hin muummowuu ree? 9 Waaqi marartii dedhee? Aariin gadhi-laafummaa isaa dhooggitee ree?» jedhe. 10 Achiin duuba ani, «Hunni Waaqa Ol Aana’aa waan jijjiiranteef, gaddee laaleffadhe» jedhe. 11 Ee Mootii Waan Maraa, ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha; bilbaasota ati dur goote hin qaabadha. 12 Ani marroo hujii teetii mara hin heda; hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha. 13 Ee Waaqa, karaan keeti woyyicha; waaqota keessaa guddaan akka Waaqa keennaa eennu? 14 Ati Waaqa bilbaasa huju; ati gosa biyya adda addaa oddu’utti hunna teeti mudhitteerta. 15 Ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobiitii fi Yoseefii, hunna teeti jaddu’uun wodatteerta. 16 Ee Waaqa bisaan hedduun si dhagganee sodaatane; qileen abbaaya’aalle raafante. 17 Duumensi bisaan gad coccosse; gubbaa irraa mandiisuun mandiite. Balaqqeettiin akka daayaa gara mara balaqqitte. 18 Hobonbolattii keessa mandiisuun dhage’ante; balaqqeettiin biyya lafaa issite; latti rommitee tachoote. 19 Abbaayaa keessa karaa, bisaan gugurdaa keessa daandii godhatte; faanti miila keetii ammoo hin mudhanne. 20 Harka Muuse’eetii fi Aaroniitiin akka nama hoolee tissuu ati kolbaa teeti sooressite.
