Kitaaba Faaruu Solomoonii 3
TWF1 Ani halkan guutuu taqee tiyya irratti jaala kiyya ka lubbu’uu barbaade; ani isa barbaade ammoo hin dhaggine. 2 Ani amma ka’ee qachaa keessa, karaa irra, woldeennaa kara’aa irra deddeemee, jaala kiyya ka lubbu’uu hin barbaada; ani barbaade ammoo isa hin dhaggine. 3 Worri qachaa eegu adoo asii fi achi deemanuu, na dhaggane; anille, «Jaala kiyya ka lubbu’uu dhaggitaneertanii?» jedhee gaafadhe. 4 Isaan irra akkuma dabareen, jaala kiyya ka lubbu’uu san dhaggee, isa qabadhe; gara mana haadha tiyyaa, gara kolloo haadha na deetteetitti haga isa geeffadhutti gad isa hin lakkinne. 5 Ee dubartoota Yerusaalemii, haga inni fedhuma ifiitiin ka’utti, jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine, ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda’aatiin, isin magannifadha. 6 Ka lafa goomole’ee keessaa akka duumensa aaraa ol bayiisatti jiru, ka akka fiqiree qumbi’ii fi hixaanaan daldaltooti uddowaa mara irraa hujattee kun eennu? 7 Kunoo, barcumaan mootumma’aa ka Solomoonii, loltoota hunnaameyyii Israa’elii keessaa ta filatante jaatamaan marfameera. 8 Marti isaaniituu shallaagaa hidhatan; martinuu muuxannoo lolaa qaban; bidhaa halkaniitiif tokko tokkoon isaanii shallaagaa hidhataneeran. 9 Mootichi Solomoon muka Libaanonii irraa, barcumaa mootumma’aa ka ifii hujisiifate. 10 Miilli barcumaa mootumma’aa sanii meetii irraa, irkoon isaa worqii irraa, addeen tee’iisaa woyaa dhiille’een gonfameera; keessa isaa dubartoota Yerusaalemiititti seesee huje. 11 Ee Dubartoota Yerusaalemii, dhaqa’aatii kallacha Solomoonii mootichaa, ka haati isaa guyyaa fuudha isaa, guyyaa gadhaan isaa gammadetti itti keette ilaala’a.
