Iyyoob 17
BIB1 Hafuurri koo dadhabeera; barri koo gabaabbateera; awwaallis naa qopheeffameera. 2 Dhugumaan qoostonni na marsaniiru; iji koos hojii isaanii isa hamaa sana hubatee ilaala. 3 “Yaa Waaqi, qabsiisa naa taʼi; si malee eenyutu wabii naa taʼa? 4 Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta; kanaafuu ati akka isaan moʼatan hin gootu. 5 Yoo namni tokko faayidaa argachuuf michuu isaa maqaa balleesse, iji ijoollee isaa ni jaama. 6 “Waaqni nama hunda biratti nama kolfaa, nama namni fuula isaatti tufu na godheera. 7 Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe; dhagni koo guutuunis akkuma gaaddidduu ti. 8 Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu; namni balleessaa hin qabnes warra Waaqatti hin bulle irratti kaʼa. 9 Qajeelaan garuu karaa isaatti cima; warri harki isaanii qulqulluu taʼes jabaachaa deemu. 10 “Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa! Ani isin keessaa nama ogeessa tokko illee hin argadhu. 11 Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera; hawwiin garaa koos akkasuma taʼeera. 12 Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru; utuma dukkana arganuus, ‘Ifni dhiʼaateera’ jedhu. 13 Yoo manni ani abdadhu awwaala qofa taʼe, yoo ani dukkana keessatti siree koo afadhe, 14 yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’ raammoodhaan immoo, ‘Ati haadha koo ti;’ yookaan ‘Obboleettii koo ti’ jedhe, 15 egaa abdiin koo eessa jira? Eenyutus abdii tokko illee naa arga? 16 Inni na wajjin awwaala buʼaa? Nus walumaan biyyoo seennaa?"
