Menu

Iyyoob 26

BIB

1 Iyyoob akkana jedhee deebise: 2 “Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte! Irree laafes hammam jajjabeessite! 3 Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite! Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte! 4 Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare? Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate? 5 “Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu. 6 Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira; badiisnis waan isa dhoksu hin qabu. 7 Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa; lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa. 8 Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba; duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu. 9 Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan fuula jiʼaa ni haguuga. 10 Inni fuula bishaanotaa irratti, ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe. 11 Utubaawwan samii ni hollatu; dheekkamsa isaatiinis ni rifatu. 12 Inni humna isaatiin galaana ni raasa; ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira. 13 Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse; harki isaas bofa shawwisaa waraane. 14 Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa; hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha! Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?"

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate