Menu

Faarfannaa 121

BIB

1 Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; gargaarsi koo eessaa dhufa? 2 Gargaarsi koo Waaqayyo samii fi lafa uume biraa dhufa. 3 Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu; 4 dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus. 5 Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa; 6 guyyaa aduun si hin gubu; halkanis jiʼi si hin miidhu. 7 Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega; 8 Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate