Menu

Faarfannaa 124

BIB

1 Israaʼel akkana haa jedhu: Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, 2 utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, yommuu namoonni nutti kaʼanitti, 3 yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan; 4 lolaan nu liqimsee dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture; 5 bishaan hamaan nu fudhatee bada ture. 6 Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu. 7 Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nu isaan jalaa baaneerra; kiyyoon ni ciccite; nus jalaa baane. 8 Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo, Uumaa samii fi lafa sanaa ti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate