Menu

Faarfannaa 127

BIB

1 Waaqayyo mana ijaaruu baannaan, warri ijaaran akkasumaan dadhabu. Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan, warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu. 2 Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii, barii barraaqaan kaʼuun keessan, turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu; inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuuwaan isaan barbaachisu ni kennaaf. 3 Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti; iji gadameessaas badhaasa isaa ti. 4 Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan, akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti. 5 Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha. Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate