Menu

Faarfannaa 3

BIB

1 Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu! Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru! 2 Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhanii waaʼee koo dubbatu. 3 Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti; ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma. 4 Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha; innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna. 5 Ani nan ciisa; nan rafas; waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa. 6 Saba kumaatama qixa hundaan kaʼee na marse ani hin sodaadhu. 7 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqa koo na baraari! Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti; ilkaan hamootaa illee caccabsi. 8 Fayyinni kan Waaqayyoo ti. Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate