Menu

Kitaaba Fakkeennaa 12

TWF

1 Nami qajeelfama jaalatu, beekkumsa jaalatta; nami xixicha jibbu ammoo gowwa’a. 2 Nami dansaan Mootii Waan Maraa biratti fudhatama hin dhaggata; worra yaada hama’aa ammoo Mootiin Waan Maraa itti hin mura. 3 Nami karaa hama’aan jabaatee dhaabbatuu hin dande’u; balchaan ammoo adde’ee hin tacho’u. 4 Niitiin qalbeeffattuun dhirsa ifiitiif akka kallachaa ti; ta isa qaanessitu ammoo akka dhukkuba lafee nyaatuu ti. 5 Yaadi worra balcha’aa yaada haqaa ti; gorsi worra hama’aa ammoo nama soba. 6 Jechi nama hama’aa dhiiga dhangalaasiisa; jechi nama balcha’aa ammoo dhiiga dhangalaasiisa jalaa baasa. 7 Namooti hamaaleyyiin hin badan; deebi’aneelle hin dhaggamanu. Maatiin worra balcha’aa ammoo jabaattee dhaabbatti. 8 Nami akkuma qarummaa ifiititti leellifama; nami qalbii micciirama’aa ammoo hin tuffatama. 9 Nama sagalee nyaatu adoo hin qabaatin, nama guddaa ifi fakkeessuu mannaa, nama ifi gad qabee hojjataa te’ee le’u woyya. 10 Nami balchaan horii ifiitiif hin marara; nami hamaan ammoo yennaa mara gadhaa jabaata. 11 Nami jabaatee lafa qotu sagalee bacaa hin qabaata; ka waan bu’aa hin qanne ari’u ammoo gowwa’a. 12 Nami hamaan waan worri hamaan saame kajeela; nami balchaan ammoo horee bacata. 13 Nami hamaan jechuma hamaa ifiitiin qabama; nami balchaan ammoo rakkinna jalaa hin baya. 14 Nami waan afaan isaa keessaa bayuun waan dansaa quufa; akkuma hujii harka ifiititti gatii isaaf malte fudhata. 15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; nami qaroon ammoo gorsa caqasa. 16 Aariin nama gowwa’aa yoosuma beekkanti; nami qalbeeffataan ammoo arraba tuffatee lakkisa. 17 Dhugaa bayaan dhugaamessi, dubbii dhuga’aa dhugaa baya; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo soba dubbata. 18 Dubbiin gar-maleen akka shallaaga’aa nama woraanti; arrabi nama qaro’oo ammoo nama fayyisa. 19 Afaan dhuga’aa haga bara baraa jiraata; arrabi sobaa ammoo yennaa diqqoo qofa jiraata. 20 Gadhaa worra waan hantuu maluu keessa sobatti jira; worri waan nageyaa namatti gorsu ammoo hin gammada. 21 Nama balchaa rakkinni itti hin dhufu; nama hamaa ammoo rakkinni itti bacata. 22 Mootiin Waan Maraa afaan dhara dubbatu jibba; namoota dhugaammeyyi’itti ammoo hin gammada. 23 Nami qalbeeffataan beekkumsa ifii dhoffata; namooti gowwaan ammoo gowwummaa ifii mudhifatan. 24 Nami jabaatee hujatu bulchaa hin te’a; nami boosenni ammoo garbicha namaa hin te’a. 25 Mami gadhaa namaa keessa yoo jiraate gad nama qaba; jechi dansaan ammoo nama gammachiisa. 26 Nami balchaan karaa namaaf akeeka; nami hamaan ammoo karaa irraa nama qaba. 27 Nami boosenni foon adamo’oon fideeyyuu hin bilcheeffatu; nami jabaatee huju ammoo waan gatii qabu hin dhaggata. 28 Karaa balchumma’aa irra jiru’utti jira; daandii san irra duuti hin jirtu.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate