Kitaaba Fakkeennaa 13
TWF1 Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata; ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage’u. 2 Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa, waan dansaa dhaggata; worri hin addatanne ammoo hunnaan nama irratti ka’iisaaf halchan. 3 Nami afaan ifii eegatu, jiruu ifii eegata; ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada. 4 Nami boosenni hin halcha malee womaa hin dhaggatu; nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata. 5 Nami balchaan dhara jibba; nami hamaan ammoo qaani’ii fi salphinna fida. 6 Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi; hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa. 7 Nami womaa adoo hin qabaatin dureessa ifi fakkeessu tokko jira; ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuu hiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra. 8 Nami dureessi karra ifiitiin jiruu ifii wodatiisa dande’a fa’a te’a; nami hiyyeessi ammoo karra waan hin qanneef, jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu. 9 Ifi worra balcha’aa yennaa mara ifa; issaan nama hama’aa ammoo hin dhaama. 10 Ifi jajiis lola qofa kaasa; qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti. 11 Karri ariiti’iin dhaggatane ariifattee baddi; ka diqqeessee diqqeessee kuufate ammoo itti ede’ata. 12 Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti; halchaan muummotte ammoo midhaan muka jiru’uu ti. 13 Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida; nami ajaja ulfeessu ammoo gatii irraa dhaggata. 14 Barsiisi nama qaro’oo madda jiru’uu ti; tiyyoo du’aa irraa nama deebisa. 15 Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti; karaan worra hin addatannee ammoo bu’aa-bayi’i. 16 Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata; gowwaan ammoo gowwummaa ifii badhinnatti mudhisa. 17 Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala; ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa. 18 Nama qajeelfama tuffatu hiyyumma’aa fi salphinnatti itti dhufa; nami xixicha dhage’ee deebi’uu ammoo hin ulfaata. 19 Halchaan muummottu namatti mi’ootti; gowwooleen ammoo waan hantuu irraa deebi’iisa jibban. 20 Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te’a; waa’elli gowwa’aa ammoo hin farra. 21 Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti; qananummaan ammoo gatii balcha’aa ti. 22 Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiif dhaala lakkisee dabara; qabeenni cubbaalessaa ammoo balcha’aaf kuufama. 23 Fichaan nama hiyyeessaa midhaan bacaa kennuu dande’a; haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa. 24 Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba; ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa. 25 Nami balchaan haga quufutti nyaata; nami hamaan yennaa mara beelota.
