Kitaaba Faaru'uu 29
TWF1 Isin ergantooti Waaqaa, ulfinnaa fi hunna Mootii Waan Maraa leellisa’a. 2 Ulfinna maqaa isaatiif, Mootii Waan Maraa leellisa’a; Arnya woyyummaa isaatiif, Mootii Waan Maraa waaqonfadha’a. 3 Qoonqoon Mootii Waan Maraa abbaayaa guddittii irraa dhage’anti; Waaqi ulfinnaa, Mootiin Waan Maraa abbaayaa irraa mandi’a. 4 Qoonqoon Mootii Waan Maraa hunnaametti’i; qoonqoon Mootii Waan Maraa arnya qabeetti’i. 5 Qoonqoon Mootii Waan Maraa hindheensa caccassiti; Mootiin Waan Maraa hindheensa Libaanoniituu hin caccassa. 6 Inni gaara Libaanonii akka jabbi’ii, gaara Siiriyoniille akka ilmee gafarsaa hin burraassisa. 7 Qoonqoon Mootii Waan Maraa balaqqeettii balaqqitti. 8 Qoonqoon Mootii Waan Maraa goomolee tachootti; Mootiin Waan Maraa goomolee Qaadeshii hin tachoosa. 9 Qoonqoon Mootii Waan Maraa qilxaan akka hargufamu gooti; baala muka badda’aa hin harcaatti; worri addee inni jiruu martinuu, «Ulfinni Mootii Waan Maraatiif te’u!» jedhan. 10 Mootiin Waan Maraa qilee abbaaya’aalle bulcha; Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha. 11 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna kenna; nageyalle’een isaan eebbisa.
