Kitaaba Faaru'uu 30
TWF1 Ee Mootii Waan Maraa, ati qilee keessaa na baattee, diinoti kiyya na irratti akka hin gammanne waan gooteef, ani guddisee si galateeffadha. 2 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, akka na qarqaartuuf gara keetti iyyee, atille na fayyitteerta. 3 Ee Mootii Waan Maraa, ati lubbuu tiyya boolla awwaalaa keessaa baatteerta; akka ani boollatti gad hin buune na hamburteerta. 4 Isin worri isaaf addatantane, Mootii Waan Maraa faaru’uun leellisa’a; maqaa isaa woyyichalle, galateessa’a. 5 Aariin isaa yennaa diqqoo qofa; tolli isaa ammoo bara jiru’uu mara. Halkan bowaa yoo bulane, ganama ammoo ililleessi hin te’a. 6 Yennaa natti tole, ani ifiin, «Ani ijjumaa hin raafamu» jedhe. 7 Ee Mootii Waan Maraa, arnya keetiin, akka gaara jabaa tokkoo na goote; yennaa fuula keeti na duraa dhossite ammoo guddoo sodaadhe. 8 Ee Mootii Waan Maraa, ani si waammadhee, akka na marartuuf si gaafadhee, 9 «Du’a tiyya irraa maan dhaggatta? Ani yoo boollatti gad bu’e bu’aan maan? Worri du’eeru si hin leellisaa? Isaan addatamummaa teeti hin himanii? 10 Mootii Waan Maraa, naa dhage’i; naa marari; Mootii Waan Maraa, na qarqaar» jedhe. 11 Ati gadda kiyya gara sirbaatitti jijjiirte; woyaa gaddaa na irraa fuutee, gammada natti uffitte. 12 Yoona, ani hin cadhisu; faaru’uun si leellisa. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani haga bara baraa si galateessa.
