Menu

Kitaaba Faaru'uu 3

TWF

1 Ee Mootii Waan Maraa, diinoti kiyya attam attam bacatan! Kolbaan hedduun na irratti kaateerti. 2 Worri hedduun, «Waaqi isa hin baasu» anaan jedhan. 3 Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo adaala kiyyatti wontee tiyya; ati ulfinna kiyya; ka mataa kiyyalle ol ol qabu si’i. 4 Ani qoonqoo ol qabadhee gara Mootii Waan Maraa hin iyya; innille gaara woyyicha ifii irraa naa hin dhage’a. 5 Ani irkadhee hin rafa; Mootiin Waan Maraa waan na eeguuf, deebi’ee hin dammaqa. 6 Ani loltoota kuma hedduu ka na marsaneeranu hin sodaadhu. 7 Ee Mootii Waan Maraa, ka’i! Waaqa kiyya, koyii na baasi! Boqoo diinota kiyyaa dhowi; ilkaan isaaniille caccassi. 8 Qarqaarsi Mootii Waan Maraa biraa dhufa. Ee Mootii Waan Maraa, eebbi keeti kolbaa teeti irra jiraatuu ti.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate