Menu

Kitaaba Faaru'uu 4

TWF

1 Ee Waaqa balchaa kiyya, yennaa ani si waamu naaf owwaadhu. Yennaa ani rakkoo keessa jiru ati ammoo bilisa na baacha. Ammalle naa mararii daadimata kiyya dhage’i. 2 Ee Kolba’a, isin haga yoomii ulfinna kiyya salphittan? Haga yoomii waan bu’aa hin qanne jaalattan? Haga yoomii dhara barbaaddan? 3 Mootiin Waan Maraa worra isaaf addatamaa te’e akka filate beeka’a; yennaa ani isa waammadhu naaf hin dhage’a. 4 Isin yennaa aartanulle cubbuu hin hujina’a; isin yennaa taqee teessan irra jirtanu, cadhisa’aatii qalbii teessan keessatti itti yaadadha’a. 5 Ciincaa sirrii te’e dhikeessa’aatii, Mootii Waan Maraatitti addadha’a. 6 Namooti, «Waan dansaa eentu nutti mudhisa?» jedhanee gaafatanu heddu’u; ee Mootii Waan Maraa, ifi fuula keetii nu irratti ifuu ti. 7 Gammada worri dhibiin midhaanii fi woynii ifii irraa dhaggatu caalaa, ati na gammachiitteerta. 8 Mootii Waan Maraa, ka nageyaan na eegu, si qofa waan te’eef, ani yennaa irkadhu, nageyaan rafa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate