Kitaaba Faaru'uu 51
TWF1 Ee Waaqa, sababa jaalala keeti ka bara baraatiif, na marari. Sababa gadhi-laafummaa teeti guddo’ootiif, yakkaa tiyya haxowii balleessi. 2 Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi; cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi. 3 Ani yakkaa tiyya waan beekuuf, yennaa mara cubbuun tiyya fuula kiyya dura jirti. 4 Ani si irratti ka’ee, si qofa yakkee, waan hantuu si duratti godhe. Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga’a; muraan ati natti murtelle haqa. 5 Dhugumaan ani cubbu’uun dhaladhe; yennaa haati tiyya na ulfoottuu ani cubbicha. 6 Ati keessa namaatitti dhugaa hin halchita; tanaaf, gadhaa kiyya ka dhossa’aa keessatti qarummaa na barsiisi. 7 Baala hisoophiitiin fiffixiitii, cubbuu irraa na qulqulleessi; anille hin qulqullowa; na dhiqi; anille dhakaa roobaa caalaa hin addaadha. 8 Ililleetti’ii fi gammada na dhageessisi; ati na caccassitee butuchitulle ani deebi’ee hin gammada. 9 Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu; yakkaa tiyya mara haxowii balleessi. 10 Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi; ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni. 11 Fuula keeti duraa na hin fageessin; Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin. 12 Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san, adde’etti naaf deebisi; akka si’iif ajajamu na qarqaar. 13 Achiin duuba ani worra seera keeti yakku hin barsiisa; cubbaaleyyiille gara keeti hin deebi’an. 14 Ee Waaqa, Waaqa fayyinna kiyyaa, yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi ; arrabi kiyya marroo balchummaa teetii gammadaan ilillisa. 15 Ee Gootta’a, afaan kiyya bani; anille arraba kiyyaan si hin leellifadha. 16 Ati adoo ciincaa jaalattu teetee, ani silaa si’iif hin dhikeessaayyu. Ati kennansa gubamutti hin gammaddu. 17 Ciincaan Waaqaaf dhikaattu yaada gad jedhe; ee Waaqa, ati yaada gad jedhee, cubbuu irraa deebi’u hin tuffattu. 18 Fedhii teetiin Xiyooniif waan dansaa godhi; dalleya dhaka’aa ka Yerusaalemii deebisii ijaari. 19 Achiin duuba ati ciincaa sirrii te’ee fi kennansa gubamutti hin gammadda; addee ciincaan itti ciinceffamu teeti irratti dardarooti hin dhikeeffaman.
