Kitaaba Faaru'uu 52
TWF1 Nama hunnaamessa! Hantuu hujiisa keetiin maaf koorta? Jaalalli bara baraa ka Waaqaa haga bara baraa ti. 2 Ati ka soba baratte, mala badi’ii dhootta; arrabi keeti akka shiggire’ee ti. 3 Ati waan dansaa caalaa waan hantuu, dhugaa dubbii caalaa dhara jaalatta. 4 Ati nama sobaalessa! Dubbii nama miitu jaalatta. 5 Waaqi ammoo badii bara baraa sitti fidee, mana keeti keessaa butee si baasee, lafa worra jiraata’aa keessalle’ee si hin buqqisa. 6 Worri balchooleen waan kana dhagganee, hin sodaatan; achiin duuba sitti kollaa, 7 «Nama Waaqatti hin irkanne, ammoo bacinna karra ifiititti ka addatu, ka worra dhibii balleessiisatti jabaatu, kunoo ilaala’a!» hin jedhan. 8 Ani ammoo mana Waaqaa keessatti, akka muka ejersaa oshoba; Jaalala Waaqaa ka bara baraatitti bara baraan itti addadha. 9 Waaqa, marroo waan ati hujjeetiif, ani bara baraan si leellifadha. Worra si dhugeeffatu duratti, maqaa keeti dansaa san addi’iin eegadha.
