Menu

Kitaaba Faaru'uu 60

TWF

1 Ee Waaqa, ati nu gatteerta; nu caccassiteerta; nutti aarteerta; amma adde’etti nu deebisi. 2 Ati lafa tachoottee, dhodhoocheerta; isiin waan raafamiisatti jirtuuf, dho’a isi’ii san fayyisi. 3 Ati kolbaan teeti akka guddoo rakkattu gooteerta; daadhii woyni’ii ta akka nuuti tintimaa ideennu nu gootu nuu kenniteerta. 4 Isaan akka daaya jalaa miliqanuuf, ati worra si sodaatuuf, baandiraa akka ol kaafatanu isaaniif kenniteerta. 5 Kolbaan ati jaalattu akka baatu, hunna teetiin nu baasi; daadimata keennaafille deebii kenni. 6 Waaqi addee woyyittii ifii keessaa, «Ani injifadhee, lafa ‹Sheekem› jedhantu hin hira; dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf qooda. 7 Latti Giil’aadii tiyya; latti Minaase’eelle tiyya; Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti; Yihudaan ulee tiyya ta bokku’uu ti. 8 Mo’aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti; Edoom kiyya akka te’e mirkaneessiisaaf, kophee tiyya irratti hin qolaansa; Filisxeemota irratti injifanno’oon ilillisa» jedheera. 9 Gara qachaa guddicha dalleya dhaka’aatiin marfamee eentu na fida ree? Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree? 10 Ee Waaqa, ati nu gatteerta; loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta. 11 Qarqaarsi namaa womaa waan nu’uuf hin baaneef, diinota keenna akka lolluuf, ati nu qarqaar. 12 Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna; inni diinota keenna hin salphisa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate