Menu

Kitaaba Faaru'uu 61

TWF

1 Ee Waaqa, iyya tiyya dhage’i; daadimata kiyya caqasi. 2 Addii kutadhee, qaccee lafaa irraa si waammadha; Gara rassaa na caalaa ol ka’eeruu san na geessi. 3 Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef, diinota kiyya loliisaaf, ati xelleephoo tiyya jaddu’u. 4 Ani bara jiruu tiyyaa mara mana keeti keessa le’uu fedha. Gaaddisa bobaa teetii jalatti baqatuu fedha. 5 Ee Waaqa, waadaa kiyya dhageetteerta; qooda worra maqaa keeti sodaatuuf kennite naafille kenniteerta. 6 Bara jiruu mootichaa irratti woggaa hedduu ede’i; inni dhalootaa haga dhaloota heddu’uu le’uu ti. 7 Fuula keeti duratti haga bara baraa isa mootonsi; jaalala keeti ka bara baraatii fi addatamummaa teetiin isa eegi. 8 Guyyuma guyya’aan waadaa kiyya eegatiisaan, yennaa mara faaru’uun maqaa keeti leellisa.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate