Kitaaba Faaru'uu 62
TWF1 Fayyinni kiyya isa irraa waan dhufuuf, lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eegatti. 2 Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya; inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu. 3 Nama akka dalleya dhaka’aa ka duufee, akka dalleya daaqee te’e tokko, isin haga yoomii isa lolaa teettan ree? 4 Isaan nama san addee ulfinnaa irraa gad isa buusiisaaf barbaadan. Dhara dubbatiisatti gammadan; afaan ifiitiin hin eebbisan; gadhaa ifiitiin ammoo hin abaaran. 5 Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti; addiin tiyya isa irraa naa dhutti. 6 Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya; inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu. 7 Fayyinnii fi ulfinni kiyya Waaqa irraa dhufe; inni rassaa jabaa kiyya; addee ani itti baqadhulle’e. 8 Ee kolba’a, yennaa mara Waaqatti addadha’a; Waaqi ka itti baqannu waan te’eef, yaada gadhaa keessanii mara itti himadha’a. 9 Ilmaan namaa akka qilleensaa ti; namooti marti womaa moti. Isaan yoo madaalamane, qilleensa caalaa sallatan. 10 Hunnaan saamiisatti hin addatina’a; waan hannaan dhaggameen hin koorina’a; yoo karri teessan ede’antelle, addii itti hin godhatina’a. 11 Waaqi takkaa dubbateera; ani waan lama dhage’eera. Sunille, «Hunni ta Waaqaa ti; 12 jaalalli bara baraa ka Gootta’aa ti» ta jettu. Ee Gootta’a ati maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kaffalta.
