Kitaaba Faaru'uu 86
TWF1 Ee Mootii Waan Maraa, ani hiyyeessa rakkataa waan te’eef, gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii, naa dhage’i. 2 Ani waan si’iif ifi kenneeruuf, jiruu tiyya eegi; tajaajilaa keeti ka sitti addatu baasi; ati Waaqa kiyya. 3 Ani guyyaa guutuu gara keeti waan iyyuuf, ee Mootii Waan Maraa, na marari. 4 Ee Mootii Waan Maraa, ani lubbuu tiyya sitti waan kennadheeruuf ana tajaajilaa keeti gammachiisi. 5 Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa’a; namaafille hin araaranta; worra si waammatuuf, jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita. 6 Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage’i; iyya gaaffii tiyyaa caqasi. 7 Ati waan deebii naa kennituuf, ani guyyaa rakkinna kiyyaa si waammadha. 8 Ee Mootii Waan Maraa, waaqota keessaa ka akka keetii hin jiru; hujiin akka hujii teetiille hin jirtu. 9 Gootta’a, kolbaan biyya adda addaa ta ati dadde marti gara keeti dhuttee, si’iif hin sagaddi; maqaa keetiifille ulfinna hin kenniti. 10 Ati guddaa waan teeteef, hujii baasaa hin hujja; ati callaan Waaqa. 11 Ee Mootii Waan Maraa, ani dhugaa teetiin akka deemuuf, karaa keeti na barsiisi; Akka ani maqaa keeti sodaadhuuf, nama gadhaa tokkochaa na godhi. 12 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha; maqaa keetiifille haga bara baraa ulfinna hin keenna. 13 Jaalalli keeti ka bara baraa ka ati naaf qaddu gudda’a; ati lubbuu tiyya qilee addee worri du’e jiru irraa hamburteerta. 14 Ee Waaqa, worri bondhooru na irratti ka’eera; goliin worra gadhaa jabaatuu, lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaadan; isaan woyittuu si hin laakkowanu. 15 Ee Gootta’a, ati ammoo, Waaqa mararaa arja’a; aari’iif hin ariifattu; jaalalli keeti ka bara baraatii fi addatamummaan teetille baca’a. 16 Gara kiyya deebi’ii, na marari; hunna teeti ana tajaajilaa keetiif kenni; ana ilma garbittii teetii baasi. 17 Ee Mootii Waan Maraa, ati waan na qarqaartee na jajjabeessiteef, diinoti kiyya dhagganee akka fokkifatanu, beessisa fudhatama keeti dhaggatiisaa na irratti mudhisi.
