Menu

Kitaaba Faaru'uu 87

TWF

1 Mootiin Waan Maraa hundee qachaa ifii gaarota woyyoota irratti dhaabe; 2 Addee Yaaqoob le’u mara caalaa, Mootiin Waan Maraa seensuma karra Xiyoonii jaalata; 3 Ee qachaa Waaqaa, wonni maade’ee marroo teetiif dubbatanti; 4 Waaqi, «Ani worra na beeku oddu’utti Gibxi’ii fi Baabilon hin galmeessa; worri Filisxeemotaa, worri Xiiroosiitii fi Itoophiya’aalle worra achitti dhalate» jedha. 5 Marroo Xiyoonii, «Dhugumaan, Waaqi Ol Aanaan waan isii jabeessuuf, kolbaan tunii fi sunille, as isii keessatti dhalatte» hin jedhama. 6 Mootiin Waan Maraa yennaa gosa biyya adda addaa galmeessu, «Worri kun achitti dhalatane» jedhee hin barreessa. 7 Worri faarsuu fi worri sirbu, «Maddi keenna martinuu Xiyoon keessa jira» hin jedhan.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate