Kitaaba Faaru'uu 95
TWF1 Kowa’a, Mootii Waan Maraatiif, ilillisaa faarfannaa! Rassaa nu baasu iyyinee leellifannaa! 2 Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti; faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti. 3 Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda’a; waaqota mara irratti mooti’i. 4 Qileen lafa jalaa harka isaa keessa jirti; qacceen gaaraalle tama isaa ti. 5 Inni waan isii dadeef, abbaayaan ta isaa ti; lafa godduulle harkuma isaatitti dade. 6 Kowa’a, gad jennee isa waaqonfannaa! Mootii Waan Maraa ka nu dade duratti jilbiiffannaa! 7 Inni Waaqa keenna waan te’eef, nuuti kolbaa inni bobbaasu, hoolota inni tissu. Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane, 8 «Akkuma abbootiin teessan ta durii goomolee Mariiba’aatii fi Maasa’aa keessatti goote, isin mataa jabeeyyii hin te’ina’a. 9 Abbootiin teessan ta durii achitti, waan ani isaanii godhe adoo dhagganeeranu haga na ilaalanee, na aarsane. 10 Ani dhaloota san woggaa afurtama diqadhee, ‹Isaan worra karaa irraa goreeru; karaa kiyyalle hin beenne› jedhe. 11 Ani tanaaf aaree, ‹Isaan ijjumaa biyya fooraa tiyyatti hin galanu› jedhee kakadhe» jedhe.
