Menu

Kitaaba Faaru'uu 96

TWF

1 Faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa’a; Kolbaan lafa irraa marti Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa’a. 2 Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa’a; maqaa isaa leellisa’a. Guyyuma guyya’aan fayyisiisa isaa lassa’a. 3 Gosa biyya adda addaatiif ulfinna isaa, kolbaa maratti hujii isaa ta maade’ee lassa’a. 4 Mootiin Waan Maraa guddaa waan te’eef, guddifamee leellifamuu male; waaqota mara caalaa sodaatamuu male; 5 waaqoti gosa biyya adda addaa marti waaqota dharaa ti; Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade. 6 Ulfinnii fi arnyi fuula isaa dura, jabeennii fi dansummaan addee woyyittii isaa keessa jiran. 7 Maatiin gosa biyya adda addaa Mootii Waan Maraa leellisa’a; ulfinnaa fi jabeenna Mootii Waan Maraa leellisa’a. 8 Ulfinna maqaa isaatiif te’u Mootii Waan Maraatiif dhikeessa’a; kennansa fida’aatii gara badhinna mana isaa kowa’a. 9 Dansummaa woyyummaa isaatiif Mootii Waan Maraa waaqonfadha’a; nami lafa irraa marti fuula isaa duratti holladha’a. 10 Gosa biyya adda addaa maraan, «Mootiin Waan Maraa mooti’i! Biyyi lafaa jabaattee dhaabanteerti; isiin ijjumaa hin tachootu; inni kolbaa maraaf wol qixxee mura» jedha’a. 11 Ol-gubbaan gammadduu ti; lattille firinxiixxuu ti; abbaaya’aa fi wonni isii keessalle shookkittuu ti. 12 Ficha’aa fi wonni isa keessaa marti gammadduu ti; achiin duuba muki badda’aa marti ilillisaa hin faarsan. 13 Mootiin Waan Maraa waan dhufuuf, fuula isaa duratti ilillisaa faarsan; inni lafatti muriisaaf hin dhufa. Biyya lafaatitti balchumma’aan, kolbaa maratti dhuga’aan hin mura.

Everything we make is available for free because of a generous community of supporters.

Donate